Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Waldaan Hawaasa Oromoo SYDNEY biyya Australia magaalaa Sydney keessatti sirna howwaan hundeefama isaa kabajate.

(Madda Oduu ABO/MOA/Amajjii 21, 2010) Oromonni biyya Awustiraaliyaa kan magaalaa Siyidnii keessa jiraatan waldaa hawaasa Oromoo hundeeffataniin qaama seerumaa mirkaneeffachuun isaanii gabaafame.

Waldaa hawaasa Oromoo Awustiraaliyaa maqaa jedhuun waajjira dhimma gurmaahinaa  mootummaa Awusitraaliyaa irraa ragaa beekamtii kan argate waldaan kun miseenoota 50 akka horates beekameera.

Sirna labsii hundeeffama waldaa hawaasa Oromo Awusitraaliyaa kan magaalaa Siydinii sababeeffachuun sagantaa guyyaa Dilbataa Amajjii 17 bara 2009 iddoo bashannanaa Olompik keessatti qophaaherratti, maatiin miseensoota waldichaafii  keessummoonni argamuun gammachuu isaanii mul’isaniiru.

Sirna kanarratti akka ibsametti, waldaan kun walitti dhufeenya hawaasa Oromo cimsuu, aadaafi afaan oromoo dagaagsuu, rakkoolee hawaasa Oromo furuudhaaf yaalii godhamu keessatti hirmaachuun kaayyoo isaati.

Waldaan kun koree bulchiinsaa dabalatee  gurmuulee dhimma afaan Oromoofi Ispoortii qindeessan haamateera.

Hundeeffama waldaa hawaasa Oromo Awusitiraaliyaa kan magaalaa Siydinii kana dhugoomsuuf Waldaan hawaasa Oromoo Viiktooriyaafi namoota matayyaan carraaqaa turanis wayituma kana galateeffatamaniiru.

Guyyaa eebba waldichaa sababeeffachuunis miseensoota gidduutti waldorgommiin kubbaa miilaa taphatameera.

Kanaan durattillee waldaaleen hawaasa Oromoo kutaalee biyya Awustiraaliyaa Viktooriyaa, Adileed fii Parzi keessatti hundeeffamuun socho’aa akka jiran beekamaadha.

http://ocasa2020.blogspot.com/2010/01/hundeeffama-waldaa-hawaasa-oromo.html

 

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net